album cover
Bilillee
6,817
Reggae
Bilillee은(는) 앨범에 수록된 곡으로 2024년 5월 5일일에 7064536 Records DK에서 발매되었습니다.Bilillee - Single
album cover
발매일2024년 5월 5일
라벨7064536 Records DK
멜로디에 강한 음악
어쿠스틱 악기 중심
발랑스
춤추기 좋은 음악
에너지
BPM82

크레딧

실연 아티스트
Andualem Gosa
Andualem Gosa
실연자
작곡 및 작사
Andualem Gosa Mengesha
Andualem Gosa Mengesha
작사가 겸 작곡가

가사

Shaggarii gubbaa mamarmaaree
Shaggiituu Jiddaafan maradhee
Shaggarii gubbaa mamarmaaree
Shaggiituu Jiddaafan maradhee
Shaggarii ulaan shan banaadha (banaadha)
Essarraan ba'een si barbaada (barbaada)
Faana kee arguun na dhamaase (dhamaase)
Karri baayy'achuun na qormaate (qormaate)
Bareedduu qal'oo masaakulaa
Kolfituun naatoo nyaara kuula
Mil'uu tokkichatiin na laaltee
Budaan jaalalaatu na nyaate
Hiriyaa gaafannaan maqaa ishee
Badhaadha naan jette abbaan ishee (magaallina ishee)
Hidhannoo jaalalaa guuttattee
Qalbii too boojitee guugatte (magaallina ishee)
Biliille mormi Bilillee taakkuu guuta safarrisaa
Qalbi fuudha bareednisaa
Akkuma addeessa dukkana keessa
Ijja isheetu ifa-biifaa jaalalatu irraa tiifa
Namnillee namni tokkollee
Miira koo naaf hin hubannee
Olmaa ishees natti hin dubbannee
Salaalee keessaa Barraakkoo keessaa
Mogormoo Bachoon of geessa
Jaalaltoo lafa naannessaa
Boora fardakoon
Gaala hidheen faanakee dhahaa
Kutee Kuyyuufi Qarree Gohaa
Koo galaan dhume
Asan jira kottu naan jedhi
Dagamirraan gara kee loha
Yaa magaala koo
Darroo bu'uu bu'e dhuuguumaa
Ijatu siyyuu hin agarreef malee
Dimbilaala koo
Si yaadullee du'e dhugumaa
Iyyat' Tulluu hin dabarreef malee
Mucayyoo qal'oo Warra Kuraa Jiddaa
Mul'adhu maaloo (jaalala maal' didda)
Mutuluu Rayyaa ayyaana abbaa keetii
Nu Tulluu Yaayyaa (Warra Gullalleeti)
Hariiro dhaqee qe'ee Warra Jaarsoo
Jaarsan ergadha (natti himimee teesso)
Adalgee gubbaa ee badhaaneet iyyaa
An dhabee ijaaf (way magaallee tiyyaa)
Mallattoon himadha, maaloo naaf birmadhaa
Kottaa na gargaara, barbaaduma ishee (barbaaduma ishee)
Kanshee mallattoonii, miidhagdudha adda
Jaalalaa biftishee, tumaadha irgishee (barbaaduma ishee)
Boontuudha koortudha, akkuma abbaa isheeti
Nyaararra jabaattii, migira mudhiinii (barbaaduma ishee)
Wallaalchisa hin qabdu, ijuu irra in dabartu
Argitan ni bartu, burree shinshinnee (barbaaduma ishee)
Kottee farda kooti
Yaadaan kutee darbee
Ija keen barbaada shaggee
Ayyaanomee utuuman si argee
Maaloo naaf owwaadhu
Jiruuf suman gaada
Lubbuufan si yaada shaggee
Shaggee tiyya maaloo shaggee
Arganii dhabuuni, akka dhukkubaati
Gaabbii nama kaa'a, waliin nama dha'aa (barbaaduma ishee)
Barbaadamuu barte, riphxe narraa hin dheessin
Jooree si dhabuunkoo, xuurii sitti ta'aa (barbaaduma ishee)
Kankoo si godhachuuf, ofitti murteesse
Karra banaa dhiise, ergan ba'ee takkaa (barbaaduma ishee)
Milli na qallattus, si argachuun murtoodha
Of duuban mil'adhu, gara abbeetiin dhaqa (barbaaduma ishee)
Hambaa dhibaayyuu burqaa Torban Ashee
Hin jiru waayyuu (ejjetni faana kee)
Xiixaa moo Ekkaa kamiin ol yaabbadhu
Fixan waabeekaa (eenyu si gaafadhu)
Dhibee jaalalaa iji ilaalee hin argu
An siif dhibame (bara dhufee darbu)
Nyamariin gama yoo darbes gamasuu
Natti hiimi nan dhufa (an fayyee garasuu)
Mucayyoo qal'oo Warra Kuraa Jiddaa
Mul'adhu maaloo jaalala maal' didda
Mutuluu Rayyaa ayyaana abbaa keetii
Nu Tulluu Yaayyaa Warra Gullalleeti
Written by: Andualem Gosa Mengesha
instagramSharePathic_arrow_out􀆄 copy􀐅􀋲

Loading...