Topsongs van Haacaaluu Hundessaa
Credits
PERFORMING ARTISTS
Haacaaluu Hundessaa
Performer
COMPOSITION & LYRICS
Haacaaluu Hundessaa
Songwriter
Uummataati Oromo
Songwriter
Songteksten
Hinuman tiksee mala kulatoo
Ashuffeen baddaa loon hin gabbisuu
Hinuman rafee malee yaa lammi
Tokkummaa dhabuun nama hin raffisuu
Halayyaan hallayumma maltuu halayyan hurufa jedhee
Alagaan alaguuma
Alagaan alaguuma maaltu algaadhan fire jedhee
Kobbortaa Ormi nama hin baatu
Yoo abaan offi baatatee malee
Roorroo Orma irraa dhuftee
Roorroo dina irraa dhuftee
Maaltu namaa dhoowwa
Abbaatu dhoowata malee maaloo maaloo maaloo
Biyaa Ormaa dhaquun nama hin dhibu
Galuu nama dhibaay
Biyaa offii yaa gaaddisa garbuu
Aduun nama hin argu jarana
Caamsaa dhuftan moo birraa
Yaa sawileen koo saayan oboori
Caamsaas hin dhufnuu birraa
Caamsaas hin dhufnuu birraa
Hin dhufnu kaloo nutti bitani
Kaloo nutti bitani
Kaloo nutti bitani
Furdannaan haalbeedhaan nu fixanni maaloo maaloo maaloo
Jabiloota koo
Ya jabiloota Odaa jalaa
Kan nama nyaatu nu keessaa jira
Jabiloota koo
Ya jabiloota Odaa jalaa
Kan nama nyaatu nu keessaa jira maaloo maaloo maaloo
Maasaan gamaa lafa hin baatu
Maasaan gamaa lafa hin baatu
Talbaa facaafata taatii
Talbaa facaafata taatii
Tokko du'ee, tokko hun taa'uu
Wal gaggalaafata taatii
Wal gaggalaafata taatii
Emmolee yaa garba ciisaa
Waan offi maaltu gadhisa
(Emmolee yaa garba ciisaa
Waan offi maaltu gadhisa)
Maasaan gamaa lafa hin baatu
Maasaan gamaa lafa hin baatu
Talbaa facaafata taatii
Talbaa facaafata taatii
Tokko nyaate, tokko hun taa'uu
Wal gaggalaafata taatii
Wal gaggalaafata taatii
Emmolee yaa garba ciisaa
Waan offi maaltu gadhisa
(Emmolee yaa garba ciisaa
Waan offi maaltu gadhisa)
Kana gadii xaafi calleess
Ilmaa namaa qeerroo jabeessani
Oduu sobaa maalif odeessani
Saba qulqulluu maa xureessani
Emmolee yaa garba ciisaa
Biyaa offi maaltu gadhisa
(Emmolee yaa garba ciisaa
Biyaa offi maaltu gadhisa)
Kana gadii xaafi calleessani
Ilmaa namaa qeerroo jabeessani
Oduu dhaaraa maalif odeessani
Saba qulqulluu maa xureessani
Emmolee yaa garba ciisaa
Oromiyaa maaltu gadhisa
(Emmolee yaa garba ciisaa
Oromiyaa maaltu gadhisa)
Sangaa ofaa jennaan
Oofnee baane Shagaritti
Kun shaniin bitataa
Kun shantamaan bita gariinii
Yaa alaamaa qawwee
Taa'an tola labaniinii labaniin hin iyaa
Maarree yoo du'e jabaan gaafaa biyaa
(Labaniin hin iyaa maarree yoo du'e jabaan gaafaa biyaa)
Ambo keessaa lolaa qaata Shaggar
Gahe mataani abaanis yoo du'ee
Ilmaa jira hin badu maqaanii
Burree yaa gaaddidduu
Boosoon maa si elmatti dhitte hun diddu
(Burree yaa gaaddidduu
Boosoon maa si elmatti dhitte hun diddu)
Iyyaandanqoo nuugii Jimmaa dhahuu
Imimmaan koo xuurii sitti haa tahuu
(Iyyaandanqoo nuugii Jimmaa dhahuu
Imimmaan koo xuurii sitti haa tahuu)
Ambo gubbaa yaa baala goodaarre yaa baala godaarre
Wallaaggarraa yaa baala goodaarre
Arsi gubbaa yaa baala goodaarre yaa baala goodaarre
Solooloorraan yaa baala goodaarre
Suma abdin koo yaa baala goofaree yaa baala goofaree
Essa jirtaa yaa baala goofaree
Iyyaandanqoo nuugii Jimmaa dhahuu nuugii Jimmaa dhahuu
Imimmaan koo xuurii sitti haa tahuu
(Iyya andanqoo nuugii Jimmaa dhahuu
Imimmaan koo xuurii sitti haa tahuu)
Ambo gubbaa yaa baala goodaarre yaa baala godaarre
Jalduu gubba yaa baala goodarre
Miida gubbaa yaa baala goodarree yaa baala goodarree
Hincinniirraan yaa baala goodarree
Suma abdiin koo yaa baala goofarree
Essa jirtaa yaa baala goofaree
Teepha lookoo yaa teepha lookoo yaa teepha lookoo
Suman yaadee yaa jajjebeekoo
Essa jirtaa yaa jajjebeekoo yaa jajjebeeko
Teepha lookoo yaa teepha lookoo
Teepha lookoo yaa teepha lookoo yaa teepha lookoo
Suma abdiin koo yaa qeerransoo koo
Suma abdiin koo yaa yaa jajjebeekoo
Essaa jirtaa yaa jajjebeekoo
Suma abdiin koo yaa qeerransoo koo
Essaa jirtaa yaa jajjebeekoo
Writer(s): Samuel Alemu, Haacaaluu Hundessaa, Uummataati Oromo
Lyrics powered by www.musixmatch.com