制作

作曲和作词
Lalisa Endris Adem
Lalisa Endris Adem
词曲作者

歌词

Roorroo firaa hunda baasanii hin dubbatanii
(Hunda baasanii hin dubbatanii)
Rakkoon hammaattus, fira ormatti hin hamatanii
(Fira ormatti hin hamatanii)
Hagam yoo cimes, gaaddisa darbu qabu firri
(Gaaddisa darbu qabu firri)
Qomookoo yaa qomakoo
Si keessa beeka alaaf golakoo
(Qomookoo yaa qomakoo)
(Si keessa beeka alaaf golakoo)
Qoraannu wal walittii
Abidda taatee bishaan danfisti
(Qoraannu wal walittii)
(Abidda taatee bishaan danfisti)
Ilkaanni wajjin nyaataa
Gaafa gaafa walitti kaata
(Ilkaanni wajjin nyaataa)
(Gaafa gaafa walitti kaata)
Nan obsa atis obsi
Orma jalaa, qaawwa kan keenya dhoksi
(Nan obsa atis obsi)
(Orma jalaa, qaawwa kan keenya dhoksi)
Foote naxalaa, foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Aartee na jalaa
Aarte na jalaa
Iccitii goote lallaba
Of eegi banta balbala
Of eegi banta balbala
Moyyaalee hanga Gidaamii
Wal hin buusnu diggaami
Cinaaksani hanga raayyaa
Dhaddachi keenya caaya
Ajjeerratuun tokko taanaan
Ajjeertuun tokkoo taanaan
Maaltu cita wal saamaa
Ofii yaabbatee bu'aa
Qofaa jiraate du'aa
Baayyannaan walittii
Hiixannaan walitti
Wal wal taate, jirbiin calii yaabnaan
Yabbuu taate, arba guddaa hiitii
Foote naxalaa, foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Aartee na jalaa
Aarte na jalaa
Iccitii goote lallaba
Of eegi banta balbala
Of eegi banta balbala
Roorroo firaa hunda baasanii hin dubbatanii
(Hunda baasanii hin dubbatanii)
Rakkoon hammaattus, fira ormatti hin hamatanii
(fira ormatti hin hamatanii)
Hagam yoo cimes, gaaddisa darbu qabu firri
(Gaaddisa darbu qabu firri)
Babattee yaa sibiilaa
Qonnaaf jetteetoo mukatti fira
(Babattee yaa sibiilaa)
(Qonnaaf jetteetoo mukatti fira)
Warri gamtoome eegu
Duta sareen diina fagootti beeku
(Warri gamtoome eegu)
(Duta sareen diina fagootti beeku)
Qarooma haadhaaf abbaa
Seera qabna kan soddomman hambaa
(Qarooma haadhaaf abbaa)
(Seera qabna kan soddomman hambaa)
Yoo waliif dhoksu barree
Utuu hin lolin lola alagaa qolanne
(Yoo waliif dhoksu barree)
(Utuu hin lolin lola alagaa qolanne)
Foote naxalaa, foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Aartee na jalaa
Aarte na jalaa
Iccitii goote lallaba
Of eegi banta balbala
Of eegi banta balbala
Moyyaalee hanga Gidaamii
Wal hin buusnu diggaami
Cinaaksani hanga raayyaa
Dhaddachi keenya caaya
Ijaarsi mana tokkoo
Ijaarsi mana tokkoo
Da'oo akka ta'uuf namaa
Utubaa ol ijaajjuuf
Dagaleen dalga naqama
Irranaan ati egii
Godarraan nan eegaa
Talaantala jiruu dabare wal furu ya namana
Yoos nuuf gale, yoosi, yoos qabaanna akeekaa
Foote naxalaa, foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Kumashiin foote naxalaa
Aartee na jalaa
Aarte na jalaa
Iccitii goote lallaba
Of eegi banta balbala
Of eegi banta balbala
Moyyaalee hanga Gidaamii
Wal hin buusnu diggaami
Cinaaksani hanga raayyaa
Dhaddachi keenya caaya
Written by: Lalisa Endris Adem
instagramSharePathic_arrow_out

Loading...