album cover
Oromia
2,975
Pop
Oromia was released on January 1, 2006 by Kemer Yousuf as a part of the album NABEK
album cover
AlbumNABEK
Release DateJanuary 1, 2006
LabelKemer Yousuf
Melodicness
Acousticness
Valence
Danceability
Energy
BPM84

Credits

PERFORMING ARTISTS
Kemer Yousuf
Kemer Yousuf
Performer
Shabee Sheekoo
Shabee Sheekoo
Chorus
Sheko Ali
Sheko Ali
Chorus
COMPOSITION & LYRICS
Kemer Yousuf
Kemer Yousuf
Songwriter
PRODUCTION & ENGINEERING
Kemer Yousuf
Kemer Yousuf
Producer

Lyrics

Teessoo na gaafannaan je'een Oromiyaa
Dhiiga lafee tiyyaa biyya abbaa kiyyaa
Teessoo na gaafannaan je'een Oromiyaa
Dhiiga lafee tiyyaa biyya abbaa kiyyaa
Ilmi abbaa malee hin dhalatuu
Biyyan qabaa kan na boonsiftu
Onnee tiyyaa tiruu tiyyaa
Anaafis Oromiyaa
(Oromiyaa Oromiyaa)
(Oromiyaa Oromiyaa)
Haadha hayyuu ogeessa maraa
Yaa jaalatamtuu biyya goototaa
Eebbifamtuu biyyee biyyarraa
Ya Oromiyaa fakkee jannata
Ana kankee an ilmikee dhufaan jiraa
Hammasittuu salaamataa
Ana kankee tokkichikee dhufaan jiraa
Hammasittuu salaamataa
Dargaggoon kee mammagaallanii
Dhehdeeroo afroo mudhii zinnaaraa
Shamarran kee babbareedina
Ilkeen aannaanii wayyaan hariira
Arjoomakee an oggayyuu na mararaa
Akkam godheen sirraa turaa
Arjoomakee an oggayyuu na mararaa
Akkam godheen sirraa turaa
Teessoo na gaafannaan je'een Oromiyaa
Dhiiga lafee tiyyaa biyya abbaa kiyyaa
Teessoo na gaafannaan je'een Oromiyaa
Dhiiga lafee tiyyaa biyya abbaa kiyyaa
Ilmi abbaa malee hin dhalatuu
Biyyan qabaa kan na boonsiftu
Onnee tiyyaa tiruu tiyyaa
Anaafis Oromiyaa
(Oromiyaa Oromiyaa)
(Oromiyaa Oromiyaa)
Ya quubsiftuu alagaaf firaa
Hundee Kushooti kan Nuubiyaadha
Yaa angafii sirna walabaa
Kan dimookraasii addunyaa kanaa
Rabbi wajjin sooromaafii eenyummaakee
Nu ilmaan kee si tikfanna
Rabbi wajjin sooromaafii eenyummaakee
Nu ilmaan kee si tikfanna
Abaaboo birraadhaa
Urgaa qilleensasaa
Mukkeen gaara keenyaa
Ejersaaf birbirsaa
Himeetuu waa hin fixuu
Baay'inaa bineensaa
Maal ayyaana ilma namaa
Maal ayyaana Oromoo
Bineensa gaaraalleetuu
Na jira yaannisaa
Mukkeen gaara keenyaatuu
Na jira yaannisaa
Bishaan lageen keenyaatuu
Na jira yaannisaa
Laga Awaash guddaatuu
Na jira yaannisaa
Qe'ee warra keenyaatuu
Na jira yaannisaa
Iluu Abbaa Booraatuu
Na jira yaannisaa
Baalee Goobba kiyyaatuu
Na jira yaannisaa
Jimma Abbaa Jifaariituu
Na jira yaannisaa
Wallagaa Naqamteetuu
Na jira yaannisaa
Walloo Kamiseedhaatuu
Na jira yaannisaa
Shawaa Finfinneedhaatuu
Na jira yaannisaa
Harargee ballodhaatuu
Na jira yaannisaa
Arsii Asallaadhaatuu
Na jira yaannisaa
Sidaamoo Dillaadhaatuu
Na jira yaannisaa
Nageellee Booranaatuu
Na jira yaannisaa
Bishaan biyya kiyyaatuu
Na jira yaannisaa
Oromiyaa bal'ootuu
Na jira yaannisii
Written by: Kemer
instagramSharePathic_arrow_out􀆄 copy􀐅􀋲

Loading...